Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Taayyeen Ambaasaaddaroota yeroo hojii isaanii xumuran gaggeessan

Finfinnee, Adoolessa 21, 2018 (FMC) – Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen Ambaasaaddaroota biyyoota sadii yeroo hojii isaanii xumuran gaggeessaniiru.

Itiyoophiyaatti Ambaasaaddaroota Noorweey, Fiinlaandii fi Hindi yeroo hojii isaanii xumuran gaggeessaniiru.

Pireezidaanti Taayyeen, Ambaasaaddaroonni kunneen hariiroo Itiyoophiyaan biyyoota kanneen waliin qabdu cimsuuf gumaacha taasisaniif galateeffataniiru.

Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Fiinlaandi yeroo hojii isaanii xumuran Siiniikaa Antiilaan Itiyoophiyaan biyya boqonnaa jijjiiramaa jabaarratti argamtu ta’uu dubbatan.

Turtii waggoottan sadan darban Itiyoophiyaatti taasisaniin muuxannoo hedduu argachuu ibsan.

Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Noorweey ta’uun tajaajilaa kan turan Ambaasaaddar, Istiiyaan Kiristiinsan gama isaaniin,Itiyoophiyaa fi biyyi isaanii dameewwan adda addaan hariiroo cimaa qabaachuu eeruun, hojiilee gamheduu Itiyoophiyaan raawwataa jirtu Noorwee kan tumsitu ta’uu mirkaneessan.

Akkasuma Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Hindi ta’uun tajaajilaa kan turan, Ambaasaaddar Aniil Kuumaaris Ministirri Muummee Hindii Naareendiraa Moodiin wayita daawwannaaf Itiyoophiyaa dhufan waliigalteewwan biyyoota lamaan gidduutti mallattaa’aan haala milkaa’ina qabuun hojiirra oolaa jiraachuu kaasan.

Hariiroon biyyoota lamaanii guddachaa dhufuu eeruun, kunis abbootii qabeenyaa Hindi caalmaatti kan hawwatu ta’uu dubbachuu isaanii ENA’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.