Pireezidaanti Taayyeen Mootummoota Gamtoomanitti Barreessaa Ittaanaa Dhimmoota Diinagdee fi Hawaasummaa waliin mari’atan
Finfinnee, Caamsaa 1, 2018 (FMC)- Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen Mootummoota Gamtoomanitti Barreessaa Ittaanaa Dhimmoota Diinagdee fi Hawaasummaa Lii Juun Huwaan waliin mari’ataniiru.
Mariin isaanii, raawwii galmoota misoomaa saffisisuu fi rakkoolee mudatan waloon furuu akkaataa dandeessisan irratti kan xiyyeeffaateedha.
Akkasumas ajandaa misoomaa addunyaa bara 2030 keessatti, sagalee Afrikaa cimsuun ajandaa marii isaanii lammataa ta’uun eerameera.
#Oromia #Ethiopa