Pireezidaantiin Rippaabilika Beeniin Finfinnee galan
Finfinnee, Adoolessa 6, 2018 (FMC) – Pireezidaantiin Rippaabilika Beeniin Roomuuwaaldi Waadaaginiin daawwannaa hojiif Finfinnee galaniiru.
Ittaanaan Ministira Muummee FDRI obbo Tamasgeen Xurunaan Buufata Xiyaaraa Idil Addunyaa Booleetti argamuun Pireezidaanti Roomuuwaaldi Waadaaginiin simataniiru.
Obbo Tamasgeen Xurunaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Pireezidaantiin Rippaabilika Beeniin Roomuuwaald Waadaagnii baga gara biyya argama dhala namaa kan taate Itiyoophiyaa nagaan dhuftan jedhaniiru.
Turtiin isin Itiyoophiyaatti qabaattan milkaa’aa akka ta’un hawwa jedhan.
Oromia #Ethiopia