Fana: At a Speed of Life!

Pirezdaantii Sudaan Kibbaa Saalvaa Keer Maayaardiitiif gaggeessaan godhame

Finfinnee, Ebla 17, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan Pirezdaantii Sudaan Kibbaa Saalvaa Keer Maayaardiitiif gaggeessaa godhaniiru.

Pirezdaanti Saalvaa Keer guyyaa kaleessaa daawwannaa hojiif Finfinnee galuun kan yaadatamudha.

Pirezdaantichi turtii Itiyoophiyaatti taasisaniin Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad waliin dhimmoota gamlameerratti mari’ataniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Pirezdaanti Saalvaa Keer waliin dhimmoota naannawaa fi dhimmoota misoomaa egeree irratti mari’achuu ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin ibsanii turan.

Guddinaafi fayyadamummaa waloo biyyoota lameenii irratti odeeffannoo wal jijjiiruu ibsuun, haala walitti hidhamiinsa diinagdee tumsa cimaa fi invastimantiin deeggaruun carraalee jira babal’isuun danda’amurratti mari’achuus eeraniiru.

Layikun Alamtu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.