Pirezidaantiin Moozaambik Siidaa yaadannoo gootota Adwaa jala dira Abaaboo kaa’an
Finfinnee, Ebla 19, 2018 (FMC)- Pirezidaantiin Moozaambik Daani’eel Firaansiiskoo Chaappoon Siidaa yaadannoo gootota Adwaa jala dira Abaaboo kaa’aniiru.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, pirezidaanticha Yaadannoo Injifannoo Adwaatti simachuu ibsaniiru.
Pirezidaanti Daani’eel Firaansiiskoo Chaappoon siidaa goototaa jala dira Abaaboo kaa’uun Yaadannoo Injifannoo Adwaa daawwachuus eeraniiru.
Pirezidaantichi Itiyoophiyaatti turtii milkaa’aa akka qabaatanis aadde Adaanech Abeebeen hawwaniiru.