Piriimeer Liigii Ingilaandiin morkiin har’a Liiverpuul Biraayitan waliin taasisu ni eegama
Finfinnee, Onkololeessa 15, 2019 (FMC) – Taphoota Piriimeer Liigii Ingilaandi sagantaa torbee 8ffaan har’a taphoonni 5 kan taphatan yoo ta’uu, morkiin Liiverpuul Biraayitan waliin taasisu ni eegama.
Har’a waaree booda sa’aatii 11:00 eegalee Liiverpool Biraayitan, Maanchiister Yuunaayitiid ammoo Boornimaawuuz waliin morkatu.
Sa’aatuma walfakkaatuutti Kiristaal Paalaas Niwuukaasiil, Haal Siitiin Bireentifoordi waliin taphatu.
Galgala sa’aatii 1:30 jalqabee Sandarlaandi – Liidis Yuunaayitiid waliin falmata.
Taphoota hanga ammaatti taphatamaniin Maanchiister Siitiin qabxii 21 walitti qabachuun liigicha yoo dursu, Arsenaal qabxii walfakkaatuun galchiin caalamee sadarkaa 2ffaarra jira.
Biraayitan qabxii 16’n sadarkaa 3ffaarratti argama.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa