Fana: At a Speed of Life!

Piriimeer Liigii Itiyoophiyaan har’a taphoonni murteessoon 3 ni taphatamu

Finfinnee, Caamsaa 13, 2018 (FMC) –Taphoota CBE Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa sagantaa torbee 33ffaan har’a taphoonni murteessoon 3 ni taphatamu.

Waaree booda sa’aatii 9:00 eegalee Aarbaa Minci Istaadiyeemii Finfinneetti dursaa liigichaa Buna Sidaamaa keessummeessa.

Sa’aatuma walfakkaatuutti Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Saayinsiifi Teeknooloojii Adaamaatti Magaalaan Adaamaa Yuunivarsiitii Walwaaloo Addigiraat waliin taphata.

Galgala sa’aatii 12:00 jalqabee Nageellee Arsiin Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti morkiin Midira Gannat Shiree waliin taasisu ni eegama.

Nageelleen tapha kana injifate taanaan sadarkaa isaa gara 2ffaatti fooyyeffata.

Taphoota hanga ammaatti taphatamaniin Bunni Sidaamaa qabxii 55’n liigicha yoo dursu, Machaal qabxii 53’n sadarkaa 2ffaa fi Nageellee Arsiin qabxii 51’n sadarkaa 3ffaa qabataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.