Pirojektoota yeroo kaa’ameefiin dura xumuruun aadaa ta’aa jira- Obbo Awwaluu Abdii
Finfinnee, Caamsaa 3, 2018 (FMC) – Pirojektoota yeroo kaa’ameefiin dura xumuruun aadaa ta’aa jira jedhan Pirezidaaantii Itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiin.
Godina Shawaa Lixaa aanaa Midaa Qanyiitti Pirojektoonni misoomaa Birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 23 oliin ijaaraman xumuramuun tajajilaaf banaa ta’aniiru.
Obbo Awwaluu Abdii wayita kana Pirojektoota misoomaa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsan.
Pirojektoonni kunneen rakkoo hawaas-diinagdee uummataa kan hiikan ta’uus kaasaniiru.
Naannichatti pirojektoonni qulqullinaafi ariitiin ijaaramuurra darbee yeroo kaa’ameefiin dura xumuruun aadaa ta’aa dhufeera jedhan.
Bulchaan Godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa gama isaaniin, pirojektoonni eebbifaman harki caalu bu’uuraalee misoomaa ta’uu eeruu isaanii Waajjirri Kominikeeshinii Godinichaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.
#Oromia #Ethiopia