Fana: At a Speed of Life!

Piroojektoonni godinichatti hojjetaman rakkoo hawaasaa hiikaa jiru – jiraattoota

Finfinnee, Adoolessa 19, 2018 (FMC) –Godina Arsii Aanaa Suudeetti Pirojektoonni bu’uuraalee misoomaa Birrii miiliyoona 500 oliin hojjetamaa turan tajaajila eegalaniiru.
Aanichatti bara kana pirojektiiwwan 52 hojjetamuuf karoorfaman keessaa Pirojektiiwwan 40 xumuramuun tajaajilaaf ooluu bulchaan Aanaa Suudee obbo Husiyyaa Amaan ibsaniiru.
Piroojektiiwwan kunneen namoota kuma 100 fi kuma 13 oliif tajaajila kan kennan ta’uu kaasan.
Akka godina Arsiittis gaaffii, komiifi fedhii hawaasaa guutuuf piroojekiiwwan hedduun hojjetamuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaa jiraachuu bulchaan godina Arsii obbo Ibraahim Kadir himaniiru.
Piroojektoonni kunneen komii hawaasaa haalan kan hiikaniifi rakkoo hawaas diinagdee gama hundumaan mirkaneessuu danda’uu eeran.
Jiraattonni aanaa Suudees pirojektiiwwan bara kana nuuf hojjetaman rakkoofi komii keenya hundeerraa nuuf furee jira jedhan.
Piroojektoota hojjetaman kanneen eeguufi kunuunsuun tajaajila barbaadamuuf akka oolu ni taasisnas jechuun himan.
Faxxanaa Zawudee
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.