Fana: At a Speed of Life!

PSG 5 – 4 Baayerni Muunik

Finfinnee, Ebla 20, 2018(FMC) –Tapha Walakkaa xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa marsaa jalqabaan PSGn Baayerni Muunik injifateera.

Tapha diraamaa guddaan irratti mul’ate kanaan PSGn galchii 5 fi 4’N Baayerni Muunik injifateera.

Kivaaraaskeeliyaa fi Dembeeleen galchiiwwan lama lama, akkasuma Neeveesh galchii tokko PSG’f yoo lakkoofsisan, Hariikeen, Ooliisee, Uppaamiikaanoo fi Liwuus Diyaas taphoota Baayerni Muunikiif galchii tokko tokko galchaniidha.

Tapha galchiiwwan 9 keessummeesse kanaan sosochiiwwan qalbii daawwattootaa hawwatan mul’ataniiru.

Taphni deebii torbee boruu Aliiyaaniz Areenaatti taphatama.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.