Qabsoon Bosonaa miidhaa ummataa kan dheeressu ta’uu isaan daandii nageenyaa fi misoomaa filanne – Hidhattoota duraanii filannoo nagaa fudhatan
Finfinnee, Onkololeessa 10, 2019 (FMC) – Humnoonni waraanaa hedduun naannoo Amaaraa naannoo adda addaatti socho’aa turan yeroo ammaa waamicha nagaa mootummaan dhiheesse fudhatanii hawaasatti deebi’aa jiru.
Godina Goondar Lixaa aanaa Matammaatti dargaggoota filannoo nagaa fudhatan keessaa Taqabbaa Ayyalee tokkodha. Ofii isaa dabalatee dargaggoonni 75 karaa dogoggoraatiin bosona akka seenan ni yaadata.
Yeroo bosona keessa turanitti ummata rakkisaa, miidhaa fi rakkoo adda addaaf saaxilaa akka turan dubbata.
Haa ta’u malee dogoggora darban irraa barachuun imimmaan ummata isaanii qoorsanii nagaa waaraa mirkaneessuuf kutannoodhaan hojjechuuf waadaa galaniiru.
Hidhataa duraanii kan biraan Gaashaw Waldeen dhiibbaa namoota dhuunfaa irraan kan ka’e kaayyoo qabsichaa osoo hin hubatiin waggaa sadii bosona keessa turre jechuun haala kanaan gaabbii isaa ibsa.
Daandiin dogoggoraa kun dargaggummaa isaanii fixuu fi osoo misooma, qabeenya maddisiisuu fi nagaa ummata isaanii eeguu irratti bobba’uu qabanuu ummata nagaa dhowwachuu isaaniitti gaddeera.
Qabsoon bosonaa dheerina rakkoo ummataa ta’uu hubachuun gara nagaa fi misoomaatti deebinee jirra jedhan.
Godina Matammaatti itti gaafatamaan Waajjira Nageenyaa fi tasgabbii Asmaamaw Abaateen gama isaaniin, bara bajataa kana keessatti carraaqqii hoggantootaa, maanguddootaa fi abbootii amantaatiin humnoonni hidhate hedduun hawaasatti makamuu ibsan.
Itti dabaluunis dargaggoonni hafan gara jireenya nagaatti akka deebi’aniif tattaaffiin taasifamaa akka jiru eeruun, dargaggoota deebi’an hojii daldalaa, qonnaa, fi hojii misoomaatiin gurmeessuuf hojjetamaa jiraachuu mirkaneessuu ENA’n gabaaseera.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa