Qonna ammayyaan imala badhaadhina mirkaneessuu…
Finfinnee,Waxabajjii 27, 2018 (FMC) – Qonna ammayyeessuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuun imala badhaadhina mirkaneessuuf hojjetamaa jira.
Barii jijjiiramaa eegalee rakkoo damee qonnaan ture furuuf Mootummaan riifoormiiwwan garagaraa gaggeessaa tureera.
Riifoormiiwwan kunneen qonna kilaasteraan misoomsuu, makaanizeeshinii qonnaa babal’isuu, dhiyeessii sanyii fooyya’aafi xaa’oo fooyyeessuu, teeknooloojii qonnaa hojii irra oolchuu, akkasumas tajaajila ogeessotaa cimsuu irratti xiyyeeffannoo olaanaan hojii hojjetameen hirkattummaafi eeggattummaan seenaa ta’uun gara oomishtummaatti ce’uun danda’ameera.
Kunis oomishtummaa sadarkaa olaanan guddisaa jira.
Akkasumas, sassaabbiin oomishaa harka qonnaan bulaa irraa gara kombaayinaraatti ce’uun hojii saffisiisuu, qisaasama oomishaa hir’isuufi qulqullina oomishaa eeguu keessatti gahee olaanaa akka taphatu taasifamaa jira.
Jijjiiramoonni kunneen oomishaafi oomishtummaa dabaluu qofa osoo hin taane, wabii nyaataa mirkaneessuu, galii qonnaan bultootaa guddisuu, carraa hojii uumuu, indaastiriiwwan qonna irratti hundaa’an jajjabeessuu fi galii biyya keessaa fi alaa dabaluuf bu’uura cimaa uumeera.
Kunis birmadummaa diinagdee biyyattii bu’uura cimaa irratti ijaaraa jira.
Waggoota muraasa darban keessa mootummaan naannoo Oromiyaa qonna kilaasteraan misoomsuu, makaanizeeshinii qonnaa babal’isuu, teeknooloojii ammayyaa qonnaan bultoota biraan ga’uu, sanyii filatamaa dhiyeessuufi hojii ekisteenshinii cimsuun jijjiirama akka biyyaatti dhufeef qooda guddaa ba’ateera.
Naannichatti, oomishaa qonna gannaa bara kanaatinis hojii makaanizeeshinii qonnaa daran cimee itti fufee kan jiru yoo ta’u, Qonna Ganna bara kanaatinis lafti hektaarri miliyoona11.17 qophaa’ee hojjetamaa jira.
Oomisha Qonna Ganna bara kanaarraa Callaan kuntaalli miliyoona 300 fi miiliyoonni 92 akka eegamu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia