Fana: At a Speed of Life!

Qonni Itiyoophiyaa bu’uura birmadummaa ta’eera- Dooktar Maandafroo Nugusee

Finfinnee, Waxabajjii 16, 2018(FMC)- Qonni Itiyoophiyaa bu’uura birmadummaa ta’eera jedhan Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Inistiitiyuutii Ce’umsa Qonnaa Dooktar Maandafroo Nuguseen.

Dooktar Maandafroo Nugusee Yaa’ii biyyaalessaa ‘Itiyoophiyaan ni raawwatti’ jedhu irratti imala jijjiiramaa damee qonnaa ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Itiyoophiyaan tooftaalee invastimantii fi fooyyessiiwwan garaagaraa hojiirra oolchuun damee qonnaa shaakala harkaa gara afaanii keessaa baasuun qonnaa gara daldalaa akkasumas gara bu’uura birmadummaatti ceesisuu ibsaniiru.

Tarsiimoowwan fi hammattoowwan imaammataa karoora waggoota 10 waliin walsiman bocuun, tumsa damee dhuunfaa, mootummaafi uummataa cimsuun, kalaqaafi biiznasii qonnaa babal’isuun akkasumas birmadummaa nyaataa guddisuun dameen qonnaa bu’aa qabeessa, gabaa irratti hundaa’e fi dandeettiin rakkoolee uumamaafi namtolchee dandamachuu isaa dabaluu eeraniiru.

Oomishaalee bakka bu’oo guddisuun, inisheetiiviiwwan akka Maaddii Guutuu cimsuun fi teeknooloojii fi hubannoo namtolcheetti fayyadamuun dargaggootaaf carraa hojii uumuurra darbee imala biyyattiin nyaataan of danda’uuf taasistuuf bu’aa jajjabeessaa galmeessisaa jira jedhan.

Tarkaanfiiwwan kunneen warraaqsa qonnaa waaraaf, badhaadhina baadiyyaafi diinagdee cimaaf bu’uura kaa’aa jiraachuu eeranii, Itiyoophiyaan gara fuula duraatti imalaa jiraachuufi jijjiirama qabatamaa galmeessisaa akka jirtu ibsuusaanii ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.