Fana: At a Speed of Life!

Qooda dameen Indaastirii dinagdee keessatti qabu guddisuuf hojiin hojjetame bu’aa qabatamaa fideera – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2018(FMC) – Qooda dameen Indaastirii dinagdee keessatti qabu guddisuuf hojiin hojjetame bu’aa qabatamaa fideera jedhan Ministirti Muummee Dooktar Abiy Ahimad.

Jijjiiramaan dura oomishtumman indaastiriiwwan biyyattii keessa turanii %47 qofa akka ture Dooktar Abiy ibsa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa irratti kennaniin ibsaniiru.

Jijjiiramaan asi tarkaanfiiwwan fudhatamaniinfi rifoormii dinagdee gooroo hojii irra ooleen oomishtummaan kun gara %67 ol guddachuu ibsan.

Paarkota Indaastirii haaraa biyya keessatti babal’isuun hojii hojjetameenis amma baay’inni isaanii 10 ga’uu kaasan.

Hojii kanaanis qoodni Indaastiriin dinagdee keessatti qabu guddachuun bara dhufu galiin doolaarri biiliyoona tokko damee kanarraa akka eegamu kaasaniiru.

Bu’aa guddinni Indaatirii ittiin mirkanaa’aa jiru keesaa meeshaaleen alaa galaa turan hedduun amma biyya keessaatti oomishamuu jalqabuu eeran.

Kanaafis waarshaalee dhagaa cilee, simmintoo, seelota anniisa soolaarii fa’a akka fakkeenyaatti kaasan.

Galiin albuuda irraa argamu qofti bara kana %24 guddachuunis agarsiiftuu kan biraati jedhan.

Ittifayyadamni inarjii damee kanaa bara kana % 23’n dabaluun jijiirama qabatamaa mul’ateef ragaa tokko ta’uu eeran.

Walumaagalatti jijjiirama damee dinagdeen biyyattii keessatti dhufeen bara baajeta 2019tti guddinni indaastirii waliigalaa %12.7 akka eegamu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.