Qophii xumuruu buufataalee filannoo Magaalaa Adaamaa…
Finfinnee, Caamsaa 23, 2018 (FMC) – Buufataaleen Filannoo Magaalaa Adaamaatti argaman qophii filannoo xumuraniiru.
Akka magaalichaatti naannoleen filannoo 3 fi buufataaleen filannoo 296 kan argaman yoo ta’u, waliigalaan filattoonni kumni 300 fi kumni 12 fi 457 galmaa’aniiru.
Buufataaleen kunneen meeshaalee filannoo dabalatee galteewwan barbaachisan guutuun filannoof qophii ta’uutu ibsame.
#Oromia #Ethiopia