Qorannoon biyyaalessaa qabeenya indaastirii oomishaa adda baasu ifoome
Finfinnee, Waxabajjii 29, 2018 (FMC) – Qorannoon qabeenyaawwan naannolee fi bulchiinsota magaalota hunda keessa jiran adda baasuu fi hojiirra oolchuu dandeessisu ifoomee jira.
Qorannoon kun har’a kan ifoome pirezidantootni naannolee, ministirootni fi hoggantooti dhaabbilee bakka argamanitti.
Ministirri Indaastirii Mulaaku Allebal wayita kana akka jedhanitti, qorannoon kun qaamoleen damee oomishaa irratti bobba’uu barbaadan , damee kam keessatti milkaa’uu akka danda’an gorsa kennuuf gargaara.
Waggoottan 5n dhufaniif qabeenyawwan sadarkaa biyyaalessaa fi naannoleetti jiran haala bu’a qabeessa ta’een hojiirra oolchuuf kan gargaaru ta’uus ibsaniiru.
Indaastiriin beekumsa irratti hundaa’ee haala bu’a qabeessa ta’uu danda’uun hundeeffamuu akka qabus eerameera.
Dameewwan akka uffataa, gogaa fi bu’aalee gogaa, nyaataa fi dhugaatii, sibiilaa fi injinaringii, ijaarsaa fi keemikaalaa kanneen xiyyeeffannan itti kenname ta’uunis eerameera.
Qorannoo kanaan akka dandeettii naannawaatti koriideroonni Dinagdee kan adda ba’an yoo ta’u, dhimmoonni akka dhiyeessii humnaa, gumurukaa fi kanneen kana fakkaatan dameewwan xiyyeeffannoo argachuu qaban akka ta’an eerameera.
Efreem Mitikkuutu gabaase
#Oromia #Ethiopia