Fana: At a Speed of Life!

Qormaatni xumura Barnoota sadarkaa Giddu Galeessaa kutaa 8ffaa bara 2018 xumurame

Finfinnee,Waxabajjii 12, 2018 (FMC) – Qormaatni Naannoo xumura Barnoota sadarkaa Giddu Galeessaa kutaa 8ffaa bara 2018 kannamaa ture har’a waaree booda xumurameera.

Naannoo Oromiyaatti qormaatni naannoo xumura barnoota sad. 1ffaa kutaa 6ffaafi kutaa 8ffaa torban kana (08 – 12/2018) walduraa duubaan buufataalee qormaataa kuma 1 fi 226 keessatti kennamaa ture har’a qormaata naannoo kutaa 8ffaan waaree booda akkaataa naamusa qormaataa kabajeen xumurameera.

Qormaatichi kan milkaa’eefi barattoota qormaata fudhachuuf galmaa’an keessaa 98% ol ta’an fudhatan ragaan Biiroo Barnootaa Naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.