Fana: At a Speed of Life!

Qulqullina barnootaa eegsisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirra –Yuunivarsiiticha

Finfinnee, Fulbaana 9, 2019 (FMC) –Yuunivarsiitiin Arsii Qulqullina barnootaa eegsisuufi cabiinsa barnootaa fooyyessuuf xiyyeeffannoon hojjechaan jira jedhe.

Bara barnootaa 2019fis barattoota simachuun qophii gahaa taasisuu ibsee jira.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Arsii Dooktar Fiqaaduu Mitikkuun, barnoota qulqullina qabu kennuufi mul’ata barbaadamu bira qaqqabuuf qophii gaarii taasisuu ibsaniiru.

Yuunivarsiitichi barattoota Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa darbuun yuunivarsiitichatti ramadamanis simachuuf qophii barbaachisu xumuruu eeran.

Bu’uuruma kanaan bara kana walii gala barattoota kuma 7 ol simachuun barsiisuuf qophaa’uus dubbatan.

Barattoonni yuunivarsiitichaan simatamanis simannaa gaarii nuuf taasifametti gammannee jirra jechuun,bara barnootaa kanattis qabxii gaarii fiduuf qophii taasisuu himan.

‎Faxxanaa Zawudeetiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.