Fana: At a Speed of Life!

Raawwiin ashaaraa magariisaa bara kanaa %75 irra gaheera- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Adoolessa 7, 2018( FMC)- Magaalaa Finfinneetti raawwiin ashaaraa magariisaa bara kanaa %75 irra gaheera jedhan Kantiibaan magaalichaa aadde Adaanech Abeebeen.

Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, hoggantootaafi hojjettoota Waajjira Kantiibaa waliin ta’uun Yuunivarsiitii AI’tti Ashaaraa magariisaa isaanii kaa’uu ibsaniiru.

Sagantaa dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa mata duree “ Abdii Haa Dhaabnu” jedhuun gaggeeffamaa jiruun magaalaa keenyatti biqiltuu miiliyoona 6 dhaabuuf karoorsinee hojjechaa jirra jedhan.

Hanga ammaattis biqiltuun miiliyoonni 4 ol dhaabamuu kaasanii, karoora qabame %75 milkeessuun akka danda’ame ibsaniiru.

Hojiin biqiloota dhaabaman kunuunsuus xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.