Fana: At a Speed of Life!

Raayyaa humna teknooloojii olaanaan ijaarame kan faayidaa biyyaalessaa kabachiisu qabna – Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa

Finfinnee,Waxabajjii 27, 2018 (FMC) – Raayyaan keenya humna teknooloojii sadarkaa olaanaa qabuun kan ijaarame faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kan kabachiisuudha jedhen Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan.

Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan Hoggantootaa fi Ogeeyyii Humnoota Giddugala Kominikeeshinii fi Miidiyaa Raayyaa Ittisaa, Qajeelchaalee fi Ajajoota olaanaarraa walitti babba’aniif tarsiimoo ijaarsa Raayyaa irratti leenjii kennaniiru.

Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa imaanaa goototaa akkaan kan raawwatu, faayidaan biyyaalessaa Itiyoophiyaa akka guuttamu ejjennoo fi gootummaan dirqama isaa kan milkeessuun goota jedhan.

Ga’umsa addunyaa jijjiiramaa waliin tarkaanfatu, Itiyoophiyaa madaaluu fi faayidaa Itiyoophiyaa kabachiisuu ijaaraa jiraachuu kaasan.

Waraana ammaayyaa teeknooloojii fi qorannoo giddugala taasisee saffisaan guddacaa jiru ta’uu eeran.

Ogeeyyiin Miidiyaa Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaan biyya bifa hedduu, guddoo, dandeettii jabaa, seenaa boonsaa, sabdaneessummaa, ummata goota humna jijjiiramaa fi guddinaa taate ta’uu sirnaan hubachuu qabu jedhan.

Ijaarsi Raayyaa Piroofeshinaalii akka milkaa’u ogeeyyiin miidiyaa gahee damichaan qaban qixa sirriin bahachuu akka qaba yaadachiisuu ibsi miidiyaa onlaayiniin raayyichaa Faanaa Diijitaaliif erge ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.