Refoormiin Dinagdee gooroo hunda galeessa ta’e bu’aa qabatamaa fideera – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Eebila 7, 2018 (FMC) – Bu’aan refoormiin dinagdee gooroo guddina fi oomishtummaa Itoopiyaatiif fidu lafatti kan hin dubbatamne fi jijjiirama bu’uuraa kan fide dha jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad.
Ministirri Muummeen mata-duree “Onnee birmadummaa”jedhuun EBC waliin gaaffii fi deebii geeggeessaniin akka jedhanitti; refoormiin dinagdee gooroo dameewwan hundaan bu’aa guddaa galmeessiseera.
Adeemsi dinagdee haaromsa kana dura ture “miila hidhatanii fiiguu” waliin kan wal fakkaatu akka ture ibsuun, xiyyeeffannoon refoormichaa gabaa banuu fi qooda damee dhuunfaa bal’isuu irratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.
Dhaabbileen misooma mootummaa gabaa keessatti akka daldala kamiyyuu kan dorgoman malee, liqiin addaa kan isaaniif kennamu ta’uu akka hin qabne refoormichi hojjechuus yaadachiisaniiru.
Kanaanis dorgommiin dhufe abdachiisaa ta’uu eeranii, fakkeenyaaf Tajaajilli Elektiriika Itoopiyaa baatiiwwan jahan darban keessatti seenaa isaa keessatti yeroo jalqabaatiif bu’aa biliyoona 7 argachuu kaasaniiru.
Dhaabbanni kun kanaan dura bu’aa jedhamu kan hin beekne fi milkaa’ina refoormii kanaan argame keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.
Fooyya’iinsa damee faayinaansii ilaalchisee, daldala dijitaalaatiin sochiin maallaqaa salphachuu fi dadhabbiin namootaa hir’achuu isaan bu’aawwan hedduun galmaa’uu eeraniiru.
Fooyya’iinsi gabaa kaappitaalaa Itoopiyaan gabaa addunyaa keessatti akka hirmaattu gochuu malees, bulchiinsa baasii fi galii mootummaa fooyyeessuu ibsaniiru.
Itoopiyaa keessatti pirojeektonni hedduun waan hojjetamaniif, namoonni baay’een “maallaqa eessaa fidu?” jedhanii akka gaafatan kan ibsan Ministirri Muummeen, icciitiin kun milkaa’ina bulchiinsa baasii fi galii ta’uu dubbataniiru.
Bu’aa refoormii maakroo-dinagdee kanaas dhiyeessii sharafa alaa fi daballii oomisha alatti ergamuun madaaluun akka danda’amu eeraniiru.
Rakkoon waraana Iraan fi Ameerikaa gidduu jiru akkuma jirutti ta’ee, baatiiwwan 9n darban keessatti oomisha alatti ergamerraa galiin doolaara biiliyoona 7.6 argamuus ibsaniiru.
Galiin waggaa darbee doolaara biiliyoona 8 akka ture yaadachiisuun, baatiiwwan sadan hafan keessatti doolaara biiliyoona 2 galmeessisuun yoo danda’ame, dhuma waggaatti doolaara biiliyoona 10 ni argama jedhaniiru.
Kunis galiin waggoota sadan darbe waliigalaa waggaa tokko keessatti argamuu isaa kan agarsiisu yoo ta’u, bu’aan kun hojii refoormii dinagdeetiin kan dhufe ta’uun addeeffameera.
Dabalataanis, oomishaalee alaa galan biyya keessatti bakka buusuun doolaara biiliyoona 3.6 hambisuun akka danda’ame ibsanii, dhimmoonni hafan jiraatanis bu’aan argame baay’ee dinqisiisaa fi gara fuulduraattis kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.
Abel Niwaayiin
#Oromia #Ethiopia