Fana: At a Speed of Life!

Riizoortiin Konfiraansii Aarbaa Minci miidhagina magaalichaa caalmaatti kan guddisuudha – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee,Waxabajjii 27, 2018 (FMC) – Riizoortiin Konfiraansii Aarbaa Minci miidhagina magaalichaa caalmaatti kan guddisuudha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Riizoortii Konfiraansii Aarbaa Minci eebbisiisuun tajaajila eegalchiisaniiru.

Riizoortichi miidhagina magaalichaa caalmaatti kan guddisuufi sadarkaa hawwata Turizimii magaalichaa tarkaanfii tokko kan dabalu ta’uu kaasan.

Naannoon Kibba Itiyoophiyaa kennaawwan uumamaa heddu qabaachuu kaasuun, naannichi Aadaa,hambaalee seenaa, af danuu fi qabeenya uumamaan daran dinqisiisoo ta’niin kan badhaate ta’uu eeran.

Paarkiin Biyyaalessaa ‘Naci Saar’ gaarreen, riqichi Igziheer, akkasuma iddooleen magariisaa miidhagina naannichaaf agarsiiftudha jedhan Dooktar Abiy Ahimad.

Qaama Piroojektii maaddiin dhalootaaf kan ta’e Riizoortiin Konfiraansii dameen dhuunfaa tumsaan hojjechuu dandeenyaan piroojektoota jajjaboo ijaaruun akka danda’amu mul’iftuu ta’uu kaasan.

Mula’ata Tuurizimii fi Konfiraansii babal’isuun Itiyoophiyaa Giddugala Waltajjiiwwan idil addunyaa taasisuuf qabame cimsuu keessatti gahee olaanaa kan qabu Riizoortiin kun Reestooraantii addaa hara irratti ijaarame fi galma walga’ii namoota kuma 1 fi 300 keessummeessuu danda’uu kan hammateedha.

Riizoortiin kun Finfinneen alatti naannoolee birootti turizimii konfiraansii babal’isuuf sochii mootummaan taasisu cimsuu qofa osoo hin taane, hawaasa naannoo sanaaf carraa hojii bal’aa kan uumu ta’uu ibsan.

Miikiyaas Ayyalaatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.