Fana: At a Speed of Life!

Riizoortiin Loogoo Hayiq abdii badhaadhina Wallooti- Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Ebla 8, 2018 (FMC) – Riizoortiin Loogoo Hayiq agarsiistuu qabeenya adda baasuun misoomsuun gara qabeenyaatti jijjiiruu fi abdii badhaadhina Wallooti jedhan Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan.

Obbo Tamasgeen Xurunaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa magaalaa seena qabeettii Hayiqitti kaka’umsa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin fi Sagantaa ‘Maaddiin Dhalootaaf’iin kan ijaarame Riizoortii Loogoo Hayiq hawaasaafi obboleeyyan keenya Afaar waliin tokkummaan hojii eegalchiisuu keenyatti gammachuu guddaatu natti dhagahama jedhan.

Pirojektiin kun ijaarsa isaarraa eegalee hanga xumuramutti yaadamni Ida’amuu qabatamaan mul’isuu, yaadni mootummaa, tattaaffiin abbootii qabeenyaa fi cichoominni uummataa kan itti mul’ate ta’uus eeraniiru.

Pirojektichi eegalamee hanga xumuramutti halkaniifi guyyaa warreen eegan miseensota Raayyaa Ittisaa, Poolisii, milishaa akkasumas hoggansaafi uummata naannawichaa galateeffataniiru.

Abbaan qabeenyaa Balaaynee Kindee riizoorticha haala miidhagaan ijaaruurra darbee jimaa kuduraaleefi muduraaleen bakka buusuun jijjiiramni akka dhufu qabatamaan agarsiisaniiru jedhan.

Manni barumsaa magaalichaaf ijaaranis bu’aa dhalootaaf darbu ta’uu eeraniiru.

Misoomni guyyaa har’aa argine bu’aa nageenyaati kan jedhan obbo Tamasgeen Xurunaan, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaafi dargaggoonni nageenya akka eegan dhaamaniru.

Tokkummaafi murannoon hojjennaan naannawaan kun iddoo gahumsaa guddinaafi badhaadhinaa ta’uun isaa waan hin oolle jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.