Fana: At a Speed of Life!

Roomaaniyaan michuu jabduu Itiyoophiyaa ta’uu barbaaddi…

Finfinnee, Caamsaa 7, 2018 (FMC)- Gorsaa Olaanaan Pireezidaantii Roomaaniyaa Daachiyaan Chiiyooloosh Roomaaniyaan michuu jabduu Itiyoophiyaa ta’uu barbaaddi jedhan.

Pireezidaantiin RDFI Taayyee Atsiqasillaaseen Gorsaa Olaanaa Pireezidaantii Roomaaniyaa Daachiyaan Chiiyooloosh waliin mari’ataniiru.

Itiyoophiyaan naannawaa Baha Afrikaattis ta’e Gamtaa Afrikaa keessatti Roomaaniyaaf tumsituu murteessaa akka taate eeraniiru.

Bara kana Roomaaniyaan waggaa Embaasii ishee Finfinneetti bante 60ffaa akka kabajju yaadachiisanii, carraan kun michummaa ture irra deebiin dadammaqsuufi tumsa gara fuulduraa cimsuuf bu’uura ta’uu ibsaniiru.

Waggoottan kurnan darban dargaggoonni Itiyoophiyaa hedduun Roomaaniyaatti carraa barnootaa argachuu yaadachiisanii, aadaa kana itti fufsiisuun carraawwan barnootaa haaraa uumuuf kan hojjetamu ta’uu mirkaneessan.

Damee tumsa diinagdeenis hariiroo daldalaa guddisuuf ni hojjetama jedhan.

Gorsaan kun Finfinnee waggoota 12 dura daawwatanii akka turan yaadachiisanii, jijjiiramaafi guddina ariifachiisaa yeroo ammaa magaalattiitti mul’ate dinqisiifataniiru.

Roomaaniyaan michuu jabduu Itiyoophiyaa ta’uu akka barbaaddu ibsuusaanii ENA’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.