Saayinsii fi Teeknooloojiin bu’uurri waaraa jireenya lammiilee fooyyessan kaa’ame – Dooktar Ballaxaa Moollaa
Finfinnee, Fulbaana 19, 2019 (FMC) – Damee Saayinsii fi Teeknooloojiin bu’uurri waaraa jireenya lammiilee fooyyessan kaa’ame jedhan Ministirri Ministeera Innooveshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Moollaan.
Yaa’iin Biyyaalessaa Imala Saayinsii, Innooveeshinii fi Teeknooloojii waggoota 50 fi kallattii yeroo itti aanurratti xiyyeeffatu Finfinnee Gadahambaa Saayinsiitti gaggeeffamuu eegaleera.
Waggoota darban keessa damee Saayinsii fi Teeknooloojiin bu’uurri waaraa jireenya lammiilee fooyyessanii fi ce’umsa Diijitaalaayizeeshinii saffisiisaan hojjetamauu Dooktar Ballaxaan haasawa baniinsa yaa’icharratti taasisaniin eeraniiru.
Kanaanis lakkoofsi fayyadamtoota Interneetii miiliyoona 17 irraa gara miiliyoona 65tti guddachuu himan.
Sirni kaffaltii diijitaalaa diriirfamuun,Waraqaa Eenyummeessaa Biyyaalessaaf lammiileen miiliyoonni 50 galmaa’uu, labsiin eegumsa odeeffannoo dhuunfaa fi Istaart Appiin hojiirra ooluun amanamummaa Diijitaalaa cimsuu kaasan.
Yaa’ii har’aa eegalee hanga Fulbaana 21, 2019tti turu kanaan mariin Paanaalii, agarsiifni Hubannoo namtolchee, Roobootiiksii fi siistama Ismaartii daawwiif kan dhiyaatan ta’uu dubbatan.
Kaayyoo olaanaan damichaa Teeknooloojiitti madaquurra darbee gara biyya alaatti erguuf ta’uu fi dhaloota hojii eegalame caalmaatti itti fufsiisu horachuu ta’uu eeruu ENA’n gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia