Fana: At a Speed of Life!

Sagantaa guddina diinagdee biyyaa keessatti gahee olaanaa bahachaa jiru…

Finfinnee, Ebla 30, 2018 (FMC) – Sagantaan maaddii guutuu tattaaffii qindoomaa mootummaa fi ummaataan hojirra oole jireenya lammiileerratti jijjiirama qabatamaa fideera.

Sosochiin biyyaalessaa Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin eegalame kun guddina biyyaa keessatti boqonnaa haaraa baneera.

Sagantichi misooma qonnaa fi qabeenya beelladaa guddisuun jireenya hawaasarratti jijjiirama qabatamaa galmeessera.

Kanaanis bara 2012 hanga 2017tti hojiileen tattaaffii qindoomaa mootummaa fi ummaataan hojjetaman guddina olaanaa galmeessera.

Oomishni foonii bara 2012 toonii kuma 300 qofa ture, bara 2017tti Toonii miiliyoona 3.4 qaqqabeera.

Bara 2012tti Dammi waggaan tooniin kumni 59 qofti oomishamaa ture, bara 2017tti toonii kuma 300 fi kum 27 gaheera.

Akkasuma aannan waggaan liitirri biiliyoonni 4.3 oomishamaa ture, bara 2017 liitira biiliyoona 13.7 gahuu ragaan ni mul’isa.

Gama biroon oomishni Killee biiliyoona 2.8 ture bara 2017tti gara biiliyoona 9.4tti guddateera.

Dhiyeessiin lukkuu miiliyoona 10 ture amma miiliyoona 100 fi miiliyoona 36 caaluu danda’ameera.

Oomishni foon qurxummii toonii 57 irraa gara toonii 243tti guddateera.

Inisheetiivichi oomishaalee alaa gala turan kan biyya keessaan bakka buusuun wabii nyaataa mirkeessaa carraa hojii bal’aas uumeera.

Sagantaan kun yeroo ammaa qonnaan bultoota miiliyoona 12.5 fayyadamoo taasiseera.

Yoonaas Geetinnatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.