Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaan Sadarkaa Addunyaatti Dhiibbaa Akka Uumtu Dandeessiseera – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Adoolessa 27, 2018 (FMC) – Hojiiwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaan waggoota torban darban keessa raawwataman Itiyoophiyaan ajandaa eegumsa naannoo sadarkaa addunyaa keessatti biyya dhiibbaa uumtu akka taatu dandeessiseera jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo ilaalchisee ergaa dabarsaniin, sosochii dhaabbii biqiltuu waggoota torbaaf walirraa osoo hin citin gaggeeffameen, bu’uurri cimaan Itiyoophiyaa gara badhaadhinaa, misoomsaafi guddina waaraatti geessu kaa’amuu eeraniiru.

Itiyoophiyaan bu’aa waggoota darban keessatti sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin galmeessiteen sadarkaa addunyaatti beekamtii argachaa jiraachuu eeranii, biyyootni biroos muuxannoo Itiyoophiyaa hordofuuf hojjechaa akka jiran kaasaniiru.

Kanis Itiyoophiyaan yaa’ii eegumsa naannoo fi qabenya qilleensaa addunyaa guddicha(COP 32) keessummeessuuf carraa argachuu yaadachiisanii, murteen kunis gochaawwan eegumsa naannoo biyyattiin raawwatte sadarkaa addunyaatti beekamtii argachuu kan agarsiisudha jechuun ibsan.

Yaa’iin kun hirmaattota kuma 80 hanga kuma 100 fi hoggantoota addunyaa 100 ol kan hirmaachisu yoo ta’u, Itiyoophiyaan muuxannoo misooma magariisaa galmeessite addunyaaf beeksisuufi muuxannoowwan qabatamaa qoodachuuf carraa bal’aa kan uume ta’uus eeraniiru.

Yaa’icha qopheessuu bira darbees, hojiiwwan biyya ijaaruu, misooma magariisaa, qulqullina magaalaafi bu’uuraalee misoomaa babal’isuu cimanii kan itti fufan ta’uu agarsiisaniiru.

Kunis ummatni tokkoome tattaaffii waloon biyya waaraa ijaaruu akka danda’u addunyaaf agarsiiftuu qabatamaa akka ta’e Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad imsanii hubachiisaniiru.

Yonaas Geetinnatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.