Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan ashaaraa magariisaa oomishtummaa qonnaa guddiseera- Obbo Oordiin Badrii

Finfinnee, Adoolessa 27, 2018(FMC)- Aagantaan ashaaraa magariisaa oomishtummaa qonnaa guddiseera jedhan Pireezidaantiin naannoo Hararii Obbo Oordiin Badrii.

Naannichatti sagantaan dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo kutaalee hawaasaa garaagaraa hirmaachise gaggeeffamaa jira.

Obbo Oordiin Badrii wayita kana sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaan addunyaaf fakkeenya akka taatu godheera jedhan.

Sagantichi dhiqama biyyee ittisuun iddoowwan manca’anii turan akka dandamatan gochuurra darbee wabii nyaataa mirkaneessuufi carraa hojii uumuu keessatti qooda olaanaa bahachaa jiraachuu ibsan.

Sagantichi sosochii biyyaalessaa tokkummaa, tumsaa fi miira waloomaan hojjetamaa jiru ta’uus eeraniiru.

Biqiltuu dhaabuufi kunuunsuun hojii guyyaa guyyaa ta’uu akka qabu kaasanii, hojiin kun biyya mijattuu dhaloota egereef dhaalchisuuf murteessaa ta’uus ibsaniiru.

Hirmaannaa uummanni naannichaa taasisaa jiruuf galateeffachuun, uummanni hirmaannaa isaa cimsee akka itti fufu waamicha dhiyeessaniiru.

Tasfaayee Hayiluutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.