Sagantaan kadhannaa biyyaalessaa Caamsaa 16, 2018 gaggeeffamuufi
Finfinnee, Caamsaa 13, 2018 (FMC) – Sagantaan kadhannaa biyyaalessaa Caamsaa 16, 2018 gaggeeffame jedhe Yaa’iin Dhaabbilee Amantaalee Itiyoophiyaa.
Barreessaan Yaa’ii Dhaabbilee Amantaalee Itiyoophiyaa Beekaa Jabaan Lubni Taagaay Taaddaleen dhimmicha ilaalchisee ibsa kennaniin, dhimma biyyaarratti sagantaan kadhannaa Addabaabayiitti gaggeeffama jedhan.
Imalli misoomaa Itiyoophiyaan caalmaa akka milkaa’uu, faayidaan biyyaalessaa akka kabajamu, akkasuma nageenyaa fi tokkummaa ijaaruu tilmaama keessa galchuun sagantaa qophaa’e ta’uu ibsan.
Caamsaa 16, 2018 guyyaa Dilbataa waaree booda sa’aatii 9:00 jalqabee Paarkii Araaddaatti kan gaggeeffamu ta’uu dubbatan.
Dureewwan amantaalee, hoggantoonni mootummaa, paartileen siyaasaa, jaarsoliin biyyaa, bakka buutoonni Boordii Filannoo Biyyaalessaa, Komishinii Maree Biyyaaleessaa, akkasuma keessummoonni waamichi godhameef sagantichaarratti ni hirmaatuun eegama.
Qiddisti Birhaanutiin.
#Oromia #Ethiopia