Fana: At a Speed of Life!

Sagantichi tumsa Itiyoophiyaafi Chaayinaa cimsa- Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee

Finfinnee, Adoolessa 20, 2018(FMC)- Sagantaan tumsaa Gamtaa hospitaalotaa Chaayinaa- Afrikaa tumsa Itiyoophiyaafi Chaayinaa cimsa jedhan Pireezidaantiin RDFI Taayyee Atsiqasillaaseen.

Sirni eegalchiisa sagantaa tumsa Indooskooppii fi Miniimaal Inveensiivii baqaqsanii wal’aanuu gamtaa hospitaalotaa Chaayinaa- Afrikaa fi sirni eebbaa Giddugala Leenjii baqaqsanii wal’aanuu roobootiksii Chaayinaa- Afrikaa akkasumas Giddugala Leenjii Teeknooloojii Indooskooppii Chaayinaa-Afrikaa gaggeeffameera.

Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen wayita kana sagantaan tumsaa gamtaa hospitaalotaa Chaayinaa- Afrikaa tumsa Itiyoophiyaafi Chaayinaa daran akka cimsu ibsaniiru.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa gamasaaniin, riifoormii fayyaa itti fufsiisuuf mootummaan xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Giddugaloonni leenjii kunneen dhaloota egereef iddoo ogeeyyiin baqaqsanii wal’aanuu itti horataman ta’anii kan tajaajilan ta’uu fi Afrikaaf giddugala beekumsaafi tajaajila olaanaa (Hubs of Excellence) akka ta’anis eeraniiru.

Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Cheen Haay ammoo, tumsi Chaayinaa fi Afrikaa dameewwan garaagaraan guddachaa akka dhufe ibsaniiru.

Chaayinaafi Itiyoophiyaan damee fayyaan tumsa cimaa ijaaruu kaasanii, damee Kanaan misooma humna namaarrattis waloon hojjechuu itti fufna jedhaniiru.

Waltajjicharratti waliigalteen gamlamee tumsa dhaabbataa biyyoota lameenii cimsu mallattaa’uus ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.