Salaale dachee goototaati – Obbo Awwaluu Abdii
Finfinnee, Caamsaa 14, 2018 (FMC) – Hiriirri deeggarsaa fi duula nafiladhaa Paartii Badhaadhinaa kutaalee hawaasaa hunda hirmaachise Godina Shawaa Kaabaa magaalaa Fiicheetti gaggeeffameera.
Pireezidaantii Ittaanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii fi Hoggantuu Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa Injinar Miliyoona Baqqalaa dabalatee hoggantoonni mootummaa naannichaa,godinichaa fi kutaaleen hawaasaa aanaalee godinichaa hundarraa walitti babba’an argamaniiru.
Qaamoleen hiriira duula nafiladhaa Paartii Badhaadhinaa kanarratti argama faaruwwaniifi dhaadannoowwan garaa garaa dhageessisuun deeggarsa paartichaaf qaban mul’isaniiru.
Paartii qabsoo keessaniin fiddan har’as waliin jiraachuu keessan qabatamaan mul’isuu keessaniif galatoomaa jedhan obbo Awwaluun ergaa saganticharratti dabarsaniin.
Salaalee dachee gootota dirree waraanaa fi aristitoota qaxaleeti jedhan.
Gootonni kaleessa aarsaa lubbuu kaffaluun jijjiiramni kun akka dhufu gahee olaanaa taphatan hedduun dachee salaalerraa maddan jechuun dubbatan.
Paartiin Badhaadhinaa Diinagdee rakkoo walxaxaa keessa ture bu’uuraan furuuf tarkaanfii bu’a qabeessa ta’e fudhachuun Itiyoophiyaan tarree biyyoota guddina ariifataa galmeessanii akka hiriirtu kan dandeessise ta’uus eeran.
Bulchaan Godina Shawaa Kaabaa Obbo Kifaloo Adaree ergaa dabarsaniin,uummatni Shawaa Kaabaa yeroo kamiyyuu deggartoota misoomaafi nageenyaa ta’uu ibsan.
#Oromia #Ethiopia