Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaa Ispoortiiwwan Aadaa Aanolee Godina Kibba Lixa Oromiyaa Magaalaa Mattuutti gaggeeffamu eegale

Finfinnee, Sadaasa 12, 2019 (FMC)- Shaampiyoonaa Ispoortiiwwan Aadaa 1ffaa fi Feestivaala Agarsiisa Aadaa 1ffaa Aanolee Godina Kibba Lixa Oromiyaa Magaalaa Mattuutti gaggeffama jira.

Itti Gaafatamaan Damee Dargaggoofi Ispoortii Godina Kibba Lixa Oromiyaa Obbo Nagumaa Mokonnin, Wal dorgommiin ispoortii aadaa kun walitti dhufeenya cimsuu, aadaa walii bakka tokkotti agarsiisuu fi dorgomtoota ciccimmoo filachuuf kan barbaachisedha jedhan.

Ispoortiin Aadaa tokkummaa ummattootaa cimsuu keessatti gumaacha olaanaa qabaachuu himaniiru.

Ispoortiin aadaa taphaafi dorgommii qaamaa kan dhalootaa dhalootatti darbuudha.

Jireenya hawaasummaa, seenaa, duudhaafi naannoo uummata tokkoo kan calaqqisiisudhas jedhan.

Shaampiyoonaan Ispoortiiwwan Aadaa 1ffaa fi Feestivaallii Agarsiisa Aadaa 1ffaa Aanolee Godina Kibba Lixa Oromiyaa Sadaasa 12 hanga 17/2019 tti gosoota ispoortii 10’nin Magaalaa Mattuutti gaggeffama jira.

Ispoortesitotnis naamusaa ispoortii barbaadun irratti hirmachuu akka qaban dhaamameera.

Tasfaahun kabbadaatiin.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.