Shaggar 0 – 1 Maqalee 70 Indaartaa
Finfinnee, Caamsaa 12, 2018 (FMC) – Taphoota CBE Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa sagantaa torbee 33ffaa har’a taphatameen Shaggar Maqalee 70 Indaartaan injifatameera.
Tapha har’a waaree booda 7:00 Istaadiyeemii Finfinneetti taphatameen Maqalee 70 Indaartan galchii 1 fi 0’n Magaalaa Shaggar injifateera.
Taphoota hanga ammaatti taphatamaniin Bunni Sidaamaa qabxii 55’n liigicha yoo dursu, Machaal qabxii 53’n sadarkaa 2ffaa fi Nageellee Arsiin qabxii 51’n sadarkaa 3ffaa qabataniiru.
#Oromia #Ethiopia