Fana: At a Speed of Life!

Shira filannoo gufachiisuuf yaadame fashaleessuun hojiin nageenyaa birmadummaa biyyaa mirkaneesse hojjetame

Finfinnee, Caamsaa 27, 2018(FMC)- Shirri filannoo waliigalaa 7ffaa gufachiisuuf diinota keessaafi alaan qindaa’e fashaleessuun hojiin nageenyaa birmadummaa biyyaa mirkaneesse hojjetameera jedhe Humni Waloo Nageenyaafi Tasgabbii.

Humni Walichaa raawwii nageenya filannoo gamaaggamuun adeemsa itti aanan irratti kallattii kaa’eera.

Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’el wayita kana, Humni Walichaa akka biyyaatti hojiilee filannoon duraa, waqtii filannoofi filannoon boodaa irratti karoora baasuun qindoominaan hojjechaa jira jedhan.

Filannichi karaa nagaa qabeessa ta’een gaggeeffamuun isaa hojiileen riifoormii waggoottan jijjiiramaa darban dhaabbilee nageenyaa irratti hojjetaman dhaabbilee nageenyaa qabatamaan ergamawwan gurguddaa gahumsaan bahachuu danda’an uumamuu agarsiisa jedhan.

Hojiin nageenyaafi tasgabbii shira diinota keessaafi alaan qindaa’e fashaleesseefi birmadummaa biyyaa mirkaneesse akkasumas bu’aa riifoormichaa qabatamaan agarsiise hojjetamuu eeraniiru.

Uummanni hirmaannaa tokkummaafi birmadummaa cimsu taasisuu kaasaniiru.

Humni Waloo Nageenyaafi Tasgabbii oppireeshiniin shororkeessitootaafi finxaaleyyii irratti eegalame yeroo itti aanuttis cimee kan itti fufu ta’uu ibseera.

Yeroo itti aanutti taateewwan uummataafi mootummaa milkaa’inaan akka xumuramaniif hojiileen tasgabbii cimanii akka itti fufaniif kallattii kaa’eera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.