Fana: At a Speed of Life!

Sirna fayyaa Afrikaa dandeettii ofii kenyaan yeroo ijaaruu dandeenyurratti argamna- Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Adoolessa 15, 2018 (FMC)- Sirna fayyaa Afrikaa dandeettii ofii kenyaan yeroo ijaaruu dandeenyurratti argamna jedhan Ittaanaan Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xurunaa.

Obbo Tamasgeen Xurunaan gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, Yaa’ii ariifachiisaa addaa Fayyaa Gamtaa Afrikaa Gaanaa Akraatti gaggeeffameerratti argamuun muuxannoo Itiyoophiyaa qoodneerra jedhan.

Deeggarsi biyya alaa hir’achaa dhufuun ardichaaf qormaata ta’us, dandeettii ofiirratti kan hundaa’ee fi sirna fayyaa itti fufiinsa qabu ijaaruuf carraa uumu ta’uu kaasan.

Yaa’ichi bara Faranjootaa 2030tti HIV/AIDS, TB fi Weerara Busaa akka yaaddoo fayyaa hawaasaa keessaa balleessinu, du’aatii haadholii fi daa’immanii hir’isuu,akkasumas dandeettii faayinaansii keenya waaraa akka cimsinuuf boqonnaa seenaa murteessaa jedhan.

Itiyoophiyaan mul’ata biyyaaleesaa of danda’uu bu’ura godhachuun damee fayyaan muuxannowwan milkeessite yaa’ichaaratti qooduus kaasaniiru.

Itiyoophiyaan Gamtaa Afrikaa, Giddugala To’annoo fi Ittisa Dhibeewwanii Afrikaa akkasumas biyyoota miseensa waliin Afrikaa badhaate ijaaruuf tattaaffii taasiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uu ibsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.