Sirni qabeenya sammuu gahee kalaqaa fi misooma waaraaf qabu fayyadamuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira
Finfinnee, Adoolessa 2, 2018 (FMC) – Sirni qabeenya sammuu gahee kalaqaa fi misooma waaraaf qabu fayyadamuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhe Abbaan Taayitaa Qabeenya Sammuu Itiyoophiya.
Yaa’iin Waliigalaa Dhaabbata Qabeenya Sammuu Idil Addunyaa Siwiizarlaandi Jeeneevaatti gaggeeffamaa jira.
Itiyoophiyaan kalaqaa fi misooma waaraa jajjabeessuuf fooyyessii seeraa fi diinagdee mandhalee taasisuu Daayrekterri Olaanaan Abbaa Taayitichaa haasawa yaa’icharratti taasisaniin ibsaniiru.
Qabeenyi sammuu ce’umsa diinagdee, Invastimantii, misooma Indaastirii, akkasuma kalaqa, beekumsa xabboo fi tarsiimoo eegumasa hamaalee aadaaf faayidaa olaanaa qabaachuu kaasan.
Itiyoophiyaan hammattoo qabeenya sammuu ammayyeessuu fi waliigalteewwan ijoo idil Addunyaarratti hirmaachuun sirna qabeenya sammuuf murannoo qabaachuu mirkaneessan.
Sirni qabeenya sammuu gahee kalaqaa fi misooma waaraaf qabu fayyadamuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeran.
#Oromia #Ethiopia