Fana: At a Speed of Life!

Sochiin duula nafiladhaa dubartoonni paartii Badhaadhinaa itti hirmaatan geggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 2, 2018 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti sochiin duula nafiladhaa dubartoonni Paartii Badhaadhinaa qofti irratti hirmaatan gaggeeffameera.

Sagantaa kana irratti hojiiwwan gurguddoon waggoota shanan darban keessatti fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuuf magaalattii keessatti hojjetaman xiyyeeffannoon dhiyaachuu isaanii ENA’n gabaaseera.

Saganticha irratti Miseensa Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, Kaadhimamtoonni Paartii Badhaadhinaa, akkasumas deeggartoonni paartichaa kutaalee magaalaa hundaa irra walitti babba’an hirmaataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.