Sosochichi Itiyoophiyaanonni wayita oomishan bu’aa fooyya’aan akka argamu nu barsiise- Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Ebla 8, 2018 (FMC) – Sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuu Itiyoophiyaanonni wayita oomishan bu’aa fooyya’aan akka argamu nu barsiise jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad mata-duree “Onnee birmadummaa”jedhuun EBC waliin gaaffii fi deebii geeggeessaniin, bu’aa sosochichi fide ibsaniiru.
Sosochiin kun dandeettiiwwan jiran haalaan fayyadamuuf, qaawwaalee jiran adda baasuufi oomishaalee alaa galan bakka bu’an oomishuuf dandeessiseera jedhan.
Rakkoo indaastiriiwwan qaban adda baasuun deeggaruuf akkasumas Itiyoophiyaanonni indaastiriirratti hojjetan akka baay’atan gochuu keessatti bu’aa olaanaa fidaa jiraachuus eeraniiru.
Abbootiin qabeenyaa biyya keessaa %65 ta’an Paarkiiwwan Indaastirii keessatti bobba’anii oomishaalee al-ergiifi faayidaa biyya keessaaf oolan oomishaa akka jiran kaasaniiru.
Oomishaalee teeknooloojiif xiyyeeffannoo kenniin fi sona dabalan guddisuun bu’aa olaanaan argamaa jiraachuus dubbataniiru.
Akka fakkeenyaattis oomisha maddisiisa anniisaa soolaarii waliin walqabatee oomisha soolaarii anniisaa Giigaa Waatii 13.5 maddisiisu oomishamuu eeraniiru.
Kana malees oomisha warqee Kanaan dura oomishamee dheedhiin isaa gurguramaa ture pirojektii Albuudarratti xiyyeeffatuun hojii sona dabaluu hojjechuuf Warshaan Warqee qulqulleessu ijaaramaa jiraachuufi baatiiwwan sadii booda kan eebbisiifamu ta’uu ibsan.
Akkasumas hojiileen pirojektoota warshaa xaa’oofi gaazii uumamaan hojjetamaa jiran dandeettii guddaa kan uuman ta’uu eeraniiru.
Yoonaas Geetinnatiin.
#Oromia #Ethiopia