Tajaajila Giddugala Tokkoo gara aanaaleefi magaalota guddattootaatti babal’isuuf…
Finfinnee, Caamsaa 4, 2018 (FMC) – Tajaajila Giddugala Tokkoo gara aanaaleefi magaalota guddattootaatti babal’isuuf hojjetamaa jira jedhan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Itti gaafatamaan Damee Siyaasaa obbo Namarraa Buliin.
Obbo Namarraa Bulii Godina Jimmaa magaalaa Limmuu Gannatitti Tajaajjila Giddugala Tokkoo Masoob hojii eegalchiisaniiru.
Wayita kanas Tajaajila Giddugala Tokkoo gara aanaaleefi magaalota guddattootaatti babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Kunis kutannoo mootummaan rakkoolee kenniinsa tajaajilaa irratti mul’atan furuuf qabu kan agarsiisu ta’uu eeraniiru.
Bulchaan Godina Jimmaa obbo Tijjaanii Naasir gama isaaniin, Tajaajilichi teeknooloojiin kan deeggarame waan ta’eef dhamaatii hawaasarra gahu kan hambisu ta’uu dubbataniiru.
Tajaajilli Giddugala Tokkoo kunis foddaawwan 8’n tajaajiloota garaagaraa 87 kan kennu ta’uunis eerameera.
Tajaajilichi gamoo Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 50 oliin ijaarame keessatti kan eegale yoo ta’u, godinichatti pirojektoonni Birrii miiliyoona 600 oliin ijaaraman biroonis eebbifamaniiru.
Abdurrahmaan Mahaammad’tu gabaase.
#Oromia #Ethiopia