Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli Giddugala Tokkoo Socho’aan Masoob Afrikaa irraa kan jalqabati- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Ebla 14, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad guyyaa har’aa kan eebbifame Tajaajilli Giddugala Tokkoo Socho’aan Masoob Afrikaa irraa kan jalqabati jedhan.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad wayita Tajaajilicha hojii eegalchiisan akka jedhanitti, namni kamiyyuu wayita Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoobitti tajaajila argatu guddina kenniinsa tajaajilaa Itiyoophiyaaf ragaa akka bahu ibsan.

Hojiileen jijjiirama bu’uuraa fidan akka kanaa imala badhaadhinaa yaadnuuf baay’ee murteessaadha jedhanii, tajaajilli ukkaamfamnaan badhaadhina mirkaneessuun akka hin danda’amne eeran.

Yeroo lammiileen tajaajila itti argatan gabaabsuufi tajaajilicha beekanii karaa salphaan akka argataniif akkasumas daldalli akka si’atuuf faayidaa olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Fooyyessiin Siiviil Sarvisiifi leenjiin hoggantootaa imala keenya gaarii godheera kan jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad dameewwan hundaan hojiin teeknooloojiin deggarame hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Haaluma Kanaan waggoottan lamaan sadan dhufanitti haala guutuu ta’een lammiileen iddoo jiranitti tajaajila barbaadan akka argataniif tattaaffiin ni taasifama jedhan.

Badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojii dameewwan hundaan eegalle haala walitti hidhamiinsa qabuun kan hoggannu ta’as jedhaniiru.

Soosinnaa Alamaayyoon.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.