Tapha akkaan eegamu, morkii Arsenaal Barnileey waliin taasisu…
Finfinnee, Caamsaa 10, 2018 (FMC) –Piriimeer Liigii Ingilaandi sagantaa torbee 37ffaan taphni Arsenaal har’a Barnileey waliin taasisu akkaan eegama.
Shaampiyoonaa ta’uuf fiixerra kan gahe kilabni Kaaba Landan Arsenaal morkiin har’a halkan sa’aatii 4:00 eegalee Istaadiyeemii Eemireetisitti Barnileey waliin taasisu xiyyeeffannoo argateera.
Kilaboonni lamaan taphoota Piriimeer Liigichaa as dhiyeenya waliin taphatan 5 keessaa Arsenaal yeroo 4 yoo injifatu, tokko ammoo qabxii qooddataniiru.
Arsenaal tapha har’aa fi kan Kiristaal Paalaas waliin qabu injifannaan qabxii Maanchiister Siitii osoo hin eegiin waggoottaan 22 booda shaampiyoonaa ta’uu isaa mirkaneeffata.
Taphoota hanga ammaatti taphatamaniin Arsenaal qabxii 79’n liigicha yoo dursu, Maanchiister Siitiin qabxii 77’n itti aana.
#Oromia #Ethiopia