Fana: At a Speed of Life!

Taphoonni marsaa 3ffaa Waancaa Addunyaa har’aa eegaluun taphatamu

Finfinnee,Waxabajjii 17, 2018 (FMC) – Waancaa Addunyaa 23ffaan morkiin har’a Siwiizarlaandi Kaanaadaa waliin taasiftu ni eegama.

Waancaa Addunyaa 23ffaa Ameerikaa, Kaanaadaa fi Meeksikoon waliin qopheessan oolmaa guyyaa 14 isaan har’a taphoonni marsaa 3ffaa 4 ni taphatamu.

Halkan sa’aatii 4:00 eegalee Siwiizarlaand- Kaanaadaa, Boosiniyaan ammoo Kaataar waliin taphatu.

Biyyoota ramaddii ‘B’ kanneen keessaa hanga ammaatti kan marsaa mo’anii darbuuf gahe hin beekamne.

Kaanaadaa fi Siwiizarlaandi qabxii afur afur qabu, Boosiniyaa fi Kaataar ammoo qabxii tokko tokko qabu.

Kaanaadaa fi Siwiizarlaand har’a qixa yoo bahan walqabatanii marsaa moo’anii darbuuf gahu.

Akkasuma halkan sa’aatii 7:00 eegalee Moorookoon – Hayitii, Iskootlaandi ammoo Biraaziil waliin taphatu.

Moorookoo fi Biraaziil qabxii afur afuriin ramaddicha yoo dursan, Iskootilaandi qabxii 3 qabattee tapha har’aan carraa ishee murteessiti.

Hayitiin marsaa itti aanuu ala ta’uun ishee mirkanaa’eera.

Taphoota hanga ammaatti taphatameen Meeksikoo, Ameerikaaa, Jarmanii, Faransaay, Noorweey fi Kolombiyaan biyyoota marsaa itti aanuuf darbuu mirkaneeffataniidha.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.