Fana: At a Speed of Life!

Taphoonni xumuraa mo’anii darbuu Waancaa Addunyaa har’a halkanii fi boru gara barii taphatamu

Finfinnee,Waxabajjii 26, 2018 (FMC) – Taphni mo’anii darbuu Waancaa Addunyaa boru gara barii morkii Kolombiyaan Gaanaa waliin taasiftuun xumura argata.

Har’a halkan sa’aatii 3:00 eegalee Awustiraaliyaan Ijipti waliin taphatti.

Biyyoonni lamaan tapha michoomaa bara Faranjootaa 2010 waliin taphataniin Ijipti galchii 3 fi 0’n Awurtiraaliyaa injifattee turte.

Halkan sa’aatii 7:00 jalqabee Arjentiinaan biyya xiqqoo Afrikaa yeroo jalqabaaf Waancaa Addunyaarratti hirmaachuun ga’umsa gaarii agarsiifte Keeppi Vardee waliin taphatti.

Halkan gara barii sa’aatii 10:30 eegalee Kolombiyaan Gaanaa waliin taphatti.

Biyyoota Afrikaa tapha mo’anii darbuuf gahan 9 keessa hanga ammaatti Moorookoo qofatu tapha mo’anii darbuu itti aanuuf gahe.

Biyyoonni 5’n morkicha keessaa yoo gaggeeffaman, biyyoonni 3 ammoo har’a halkanii fi boru barii hiree isaanii murteeffatu.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.