Fana: At a Speed of Life!

Teeknooloojiiwwan Poolisiin Federaalaa hidhate bu’aa qabeessummaa filannoof…

Finfinnee, Caamsaa 25, 2018 (FMC)- Teeknooloojiiwwan ammayyaa Poolisiin Federaalaa hidhate bu’aa qabeessummaa filannoo waliigalaa 7ffaa keessatti qooda olaanaa bahateera.

Poolisii Federaalaatti hogganaan qajeelcha babal’ina teeknooloojii Koomaandar Damisee Yilmaa akka jedhanitti, dhaabbatichi waqtii filannoo lammiileen bilisummaan sagalee isaanii akka kennaniif qophii bal’aa taasiseera.

Teeknooloojiiwwan haaraa bu’uuraalee misoomaa buleeyyii waliin qindeessuun sosochii bobbii poolisii fi buufataalee filannoo kallattiin hordofuu akka danda’e eeraniiru.

Haala nageenyaafi filannoo iddoowwan garaagaraa hoggansi Giddugala To’annoo Ajajaarraa hordofaa akka ture ibsaniiru.

Hojii qindaa’aa Poolisiin Federaalaa qaamolee nageenyaa hunda waliin hojjeteen adeemsi filannoo karaa naga qabeessaafi bu’aa qabeessa ta’een raawwachuu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.