Tumsa diinagdee tarsiimawaa Afrikaafi biyyoota Galoo Galaanaa cimsuuf…
Finfinnee, Adoolessa 15, 2018(FMC)- Itiyoophiyaan tumsa diinagdee tarsiimawaa Afrikaafi biyyoota Galoo Galaanaa cimsuuf kutannoon hojjechaa jirti jedhe Ministeerri Dhimma Alaa.
Waltajjiin hariiroo diinagdee Afrikaafi biyyoota Galoo Galaanaa cimsuurratti kaayyeffate magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Hadaraa Abarraa wayita kana tumsi tarsiimawaafi waarawaan Afrikaafi biyyoota Galoo Galaanaa guddina diinagdee saffisiisuuf qooda olaanaa bahachaa jiraachuu ibsan.
Boqonnaa ce’umsa diinagdee Afrikaanis diinagdeewwan addunyaa saffisa olaanaan guddachaa jiran 15 keessaa 7 ardicharraa akka ta’u ni eegama jedhaniiru.
Waliigalteen naannawaa daldala bilisaa Afrikaas naannawaa daldalaa idil-addunyaa guddaa uumuun indaastirii, daldalaafi invastimantiif carraawwan haaraa banaa jiraachuu eeraniiru.
Biyyoonni Galoo Galaanaas fandii qabeenya maallaqaatti fayyadamuun dameewwan bu’uuraalee misoomaa, anniisaa haaromfamaa, teeknooloojiifi qonnaan hojiilee invastimantiirratti hirmaachaa jiraachuu kaasaniiru.
Yeroo itti aanutti tumsa cimsuun seeraafi hammattoo imaammataa invastimantii amansiisaa fi hawwataa ta’e uumuun tooftaa hojiirra oolmaafi hordoffii kalaqaan deeggarame hundeessuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan tumsa tarsiimawaa ardichaafi biyyoota Galoo Galaanaa cimsuun walitti hidhamiinsa diinagdee cimsuuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.
#Oromia #Ethiopia