Fana: At a Speed of Life!

Tumsi loltummaa Itiyoophiyaafi Ameerikaa gara sadarkaa tarsiimawaatti ce’eera- Injinar Ayishaa Mahaammad

Finfinnee, Adoolessa 20, 2018(FMC)- Tumsi dippiloomaasiifi loltummaa Itiyoophiyaafi Ameerikaa gara sadarkaa tarsiimawaatti ce’eera jedhan Ministirri Raayyaa Ittisaa Injinar Ayishaa Mahaammad.

Simpooziyeemiin Loojistiksii fi Kominikeeshinii Addaa Afrikaa 2026 qopheessummaa Itiyoophiyaa fi Ameerikaan Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Injinar Ayishaa Mahaammad wayita kana tumsi dippiloomaasiifi loltummaa Itiyoophiyaafi Ameerikaa gara sadarkaa tarsiimawaatti ce’uun hariiroon biyyoota lameenii walamantaa fi tumsa irratti hundaa’e cimaa dhufuu kan agarsiisudha jedhan.

Itiyoophiyaan waltajjii kana akka qopheessituuf filatamuun qooda nageenyaafi tasgabbii naannawichaa keessatti qabdu, bu’aalee misoomaa galmaa’an fi dandeettii Finfinneen yaa’iiwwan idil-addunyaa keessummeessuuf qabdu kan calaqqisiisan ta’uu eeraniiru.

Qophii simpooziyeemichaaf qooda isaanii kan bahatan hoggantoota Raayaa Ittisa Biyyaa fi dhaabbilee deeggartootaa Ameerikaa galateeffataniiru.

Simpooziyeemiin kun waltajjii marii teeknikaa qofa osoo hin taane tumsa cimsuuf, muuxannoowwan waljijjiiruuf, kalaqa irratti hundaa’uun guutuu Afrikaatti dhaabbilee gahumsa qabaniifi ammayyaa ijaaruuf carraa gaarii ta’uus eeraniiru.

Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Eerviin Maasiingaan gamasaaniin, Itiyoophiyaan seenaa, hoggansaafi faayidaa tarsiimawaa isheerraan kan ka’e biyyoota kallattii naannawichaafi ardichaa bocan keessaa tokkodha jedhan.

Itiyoophiyaan waltajjii akka kanaa akka qopheessistuuf filatamuun qooda naannawichatti nageenyaafi tasgabbii mirkaneessuuf, bu’aa damee misoomaan galmeessiste akkasumas dandeettii magaalaan Finfinnee yaa’iiwwan idil-addunyaa qopheessuuf qabdu kan agarsiisu ta’uu dubbataniiru.

Hariiroon Itiyoophiyaafi Ameerikaa damee dippiloomaasiifi loltummaan qaban gara sadarkaa tarsiimawaatti ce’aa jiraachuus ibsaniiru.

Masaafint Birilleen.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.