Fana: At a Speed of Life!

Ulaan galaanaa Itiyoophiyaaf dhimma diinagdee murteessaadha- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Fulbaana 3, 2019 (FMC)- Ulaan galaanaa Itiyoophiyaaf wanta kamiyyuu caalaa dhimma diinagdee murteessaadha jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Yaa’ii Hoggantootaa BRICS 18ffaa Hindi Niwu Deeliitti gaggaaffame irratti haasawa taasisaniin, Itiyoophiyaa biyya diinagdee guddaafi baay’ina uummataa hedduu qabduuf ulaan galaanaafi sararoonni daldalaa idil-addunyaa amansiisaa ta’an ni barbaachisu jedhan.

Ulaan galaanaa diinagdee Itiyoophiyaaf baay’ee akka barbaachisu kaasanii, dhimma dursi kennamuuf ta’uus ibsaniiru.

Itiyoophiyaan gaaffii ulaa galaanaa ishee mariifi karaa naga qabeessaan milkeessuuf hojjechaa akka jirtu eeranii, gaaffiin ishee fayyadamummaafi guddina waloo irratti kan hundaa’e ta’uus kaasaniiru.

Dhiibbaan BRICS dabaluu kan danda’u dhimmoota murteessaa ta’an irratti murtoo kennuu yoo danda’e ta’uu; guddinaafi carraa egeree biyyoota miseensotaaf deeggarsa gochuu akka qabu hubachiisaniiru.

Miikiyaas Ayyalaan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.