Ummanni Sagalee isaan hiree isaa akka murteessu diinaafis firaafis agarsiiseera- Pir. Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Caamsaa 24, 2018 (FMC)- Filannoo Waliigalaa 7ffaan ummanni sagalee isaan hiree isaa akka murteessu diinaafis firaafis agarsiiseera jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.
Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan Magaalaa Gincitti Sagalee Kennaniiru.
Adeemsa filannichaa ilaalchisuun ibsa kennaniin, seenaa hojjeteera jechuun ummata, qaamolee raawwachiistotaa filannoo hundaa galateeffataniiru.
Filannoon kun aadaa siyaasaa haaraa lafa kaa’eera jedhanii, baroota dhufan jijjiirama olaanaa lafa qabsiisuuf sagaleen ummataa murteessaa ta’uu kaasan.
Ummanni aarsaa dhumaa kaffaleera; sagalee isaan hiree isaa akka murteessu, diinaafis firaafis agarsiiseera jedhan.
Murtee ummataa fudhachuuf qophii ta’uus kaasanii, qaamni murtee ummataa argates aarsaa kaffalee jijjiiramaa fi ce’umsa olaanaa fiduu qaba jedhaniiru.