Fana: At a Speed of Life!

Waancaa Addunyaa 23ffaa boqonnaa xumuraarra gahe…

Finfinnee, Adoolessa 9, 2018 (FMC) – Waancaan Addunyaa 23ffaan xumuramuuf taphoota 2 qofatu hafe.

Waancaan Addunyaa 2026 qopheessummaa Ameerikaa, Kaanaadaa fi Meeksikoon Waxabajjii 4, 2018 eegalame xumuramuuf taphoota 2 qofatu hafe.

Waltajjiin yeroo jalqabaaf biyyoota 48 hirmaachisuun magaaloota 16 keessatti gaggeeffamaa ture kanaan hanga ammaatti taphoonni 102 taphatamaniiru.

Galchiiwwan 297 gareewwan faallarratti galaniiru.

Liyooneel Meesiin Arjentiinaarraa, akkasuma Kiliyaam Mbappeen Faransaayirraa galchiiwwan saddeet saddeeti qixa lakkoofsisuun dursaa jiru.

Taphni xumuraa Dilbata dhufu halkan sa’aatii 4:00 eegalee Ipeenii fi Arjentiinaa gidduutti taphatama.

Ispeen biyya waancaaf eegamaa turte Faransaay injifachuun tapha xumuraaf geese.

Ispeen taphoota hanga ammaatti taphatteen galchiiwwan 13 morkattoota isheerratti yoo galchitu, galchii 1 qofa keessummeessite.

Shaampiyoonaan bara 2010 Ispeen yeroo 2ffaaf shaampiyoonaa ta’uuf morkiin taasiftu ni eegama.

Arjentiinaan eda galchii 2 fi 1’n Ingilaandi injifachuun morkii xumuraaf qaqqabde.

Taphoota hanga ammaatti taphatteen galchiiwwan 19 morkattoota isheerratti galchuun, galchiiwwan 7 ammoo keessummeessiteetti.

Shaampiyoonaan bara 2022 Arjentiinaan walitti aansuun shaampiyoonaa ta’uuf falmatti.

Akka waliigalaatti ammoo yeroo 4ffaaf shaampiyoonaa ta’uuf boqonnaa xumuraarra jirti.

Liyooneel Meesii fi Laaminee Yaamal yeroo jalqabaaf tapha xumuraa waancaa Addunyaarratti waliin falmachuuf qophaa’aniiru.

Eenyutu shaampiyoonaa ta’a?

Faransaayii fi Ingilaandi ammoo Sambata halkan sa’aatii 6:00 eegalee sadarkaaf taphatu.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.