Fana: At a Speed of Life!

Waancaa Addunyaa 23ffaa…

Finfinnee,Waxabajjii 15, 2018 (FMC) – Waancaan Addunyaa 23ffaan Ameerikaa, Kaanaadaa fi Meeksikoon waloon qopheessan erga eegalee har’a guyyaa 12ffaa isaati.

Hanga ammaatti taphoonni 40 taphatamaniiru.

Galchiiwwan 121 gareewwan faallaarratti galaniiru.

Kana jechuun tapha tokkorratti giddugalessaan galchiiwwan 3.03 galaa jiru akka jechuuti.

Liyooneel Meesiin Arjentiinarraa, Jonaathaan Deeviid Kaanaadarraa, Deniz Undav Jarmanirraa galchiiwwan sadi sadi lakkoofsisuun dursaa jiru.

Waltajjii kanaan Liyooneel Meesii fi Jonaataan Deeviid taphattoota sadeessoo hojjetaniidha.

Taphoota hanga ammaatti taphataman 40 keessaa 13 qixaan xumuramaniiru.

Erga taphni kun eegalee taphattoota 8’f kaardii diiman kennameera.

Tapha waancaa 22ffaa bara Faranjootaa 2022 gaggeeffamerratti hanga taphichi xumuramutti Kaardii Diimaa 4 qofatu kennamee ture.

Waancaan addunyaa bara 2006 Jarmanitti qophaahe kaardii diimaa 28’n sadarkaa duraa irratti argama.

Waltajjii yeroo jalqabaaf biyyoota 48 hirmaachuun Waxabajjii 4, 2018 eegalee gaggeeffamaa jiru kanaan biyyoonni ramaddii isaanirraa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaan xumuran 24 kallattiin tapha mo’anii darbuutti makamu.

Gareewwan ramaddii isaanirraa sadarkaa 3ffaan xumuran keessaa kanneen qabxii fi galchii fooyya’a argatan 8 tapha mo’anii darbuutti ni makamu.

Hanga ammaatti Ameerikaa, Meeksikoo fi Jarmaniin biyyoota marsaa mo’anii darbuuf gahuu mirkaneeffatan yoo ta’an, Turkiyyee, Hayitii fi Tuuniziyaan ammoo biyyoota ramaddiirraa osoo hin darbin hafan ta’aniiru.

Taphoonni ramaddii marsaa 2ffaa kunneen har’as itti fufuun kan taphataman yoo ta’u, halkan sa’aatii 2:00 eegalee Arjentiinaan – Ostiriyaa, halkan qixxee sa’aatii 6:00 eegalee Faransaayi – Iraaq waliin morkatu.

Akkasuma halkan gara barii Iyya Handaaqqoo eegalee Noorweey – Seeneegaal waliin, boru ganama sa’aatii 12:00 jalqabee yeroo jalqabaaf waancaa addunyaarratti hirmaataa kan jirtu Joordaan – Aljeeriyaa waliin taphatu.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.